Be smart

Dhukkuba hamaa tokkootu jira, kan doktorri hin wallaanne. Waan ajaa’ibaa dhukkubni kun nama dhukkubsataa jiru sanitti hin dhagahamu. Garuu namoota fayyaa naannawa isaa jiran hedduu miidha.

Maqaan isaa ‘Goowwummaa’ ja’ama.
Irraa nu haa baraaru

Gatiin namaa meeqa?
======{============


👉 Namoota gatii kee hin beekne irraa fagaadhu
👉 Jireenya siif malu jiraachuf tarkaanfin jalqabaa gatii kee isa sirrii beekudha.
✍️”Biyya kana keessatti kan garaa na raasu meeshan mi’aa’ee namni rakasuudha”

✍️ Gatiin kee haala ati keessa jirtuun hin madaalamu

✍️Qaalii tahuu kee irraa kan ka’e addunyaa kana irraa namni bakka si bu’u hin jiru.

✍️Eenyu iyyuu dura gatii jireenya kee beeku kan qabu si’i.

✍️”Namoonni Milkaa’an deemsa itti fufu, ni dogoggoru, garuu addaan hin kutan” Conrad Hilton

✍️Qormaanni nama mul’ata qabuu manaa ka’a.

✍️Waan addaa tahe yaadun maraatummaa miti.

✍️Yaada yaadde namoota amantu qofaaf qoodi.

✍️ Bu’aa amma argachaa jirtu hin jaallattu yoo tahe, waan hojjechaa jirtu jijjiirun dirqama.

✍️Kana dura namoonni dadhaban jechuun atis hin dandeessu jechuu miti.